Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa duub deebii fi tarkaanfi fuulduraa weerara vaayrasii koroonaarratti murtee yaadaa akka dhiyeessu koree dhaabbiif qajeelche

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) – Manni maree Bakka Bu’oota Uummataa duub deebii fi tarkaanfi fuulduraa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee yaada Ministeerri Fayyaa dhiyeessirratti murtee akka dhiyeessu Koree Dhaabbiif qajeelcheera.
 
Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa 3ffaa bara hojii 5ffaa har’a gaggeesseen gabaasa Ministeerri Fayyaa dhiyeesseerratti mari’ateera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, weerara vaayrasii koroonaa fi tarkaaffii gara fuulduratti Mana marichaaf yaada marii dhiyeessaniiru.
Dhimma filannoo biyyaaleessaa gaggeessuu fi eegalamuu barnootaa ilaalchisee yaada ijoo dhiyeessaniiru.
 
Of eeggannoo barbaachisu taasisuun manneen barnootaa banamuu akka danda’an yaada marii dhiyeessaniiru.
 
Manneen barnootaa eegalamuun dura koreen dhimmicha qulqulleessu dhaabbachuun gara hojiitti galuu qabu jedhan Dooktar Liyaan
 
Haala kana dura barameen osoo hin taane weerara vaayrasii koroonaa ilaalcha keessa galchuun filannoo biyyaalessaa gaggeessuun akka danda’amu yaada marii dhiyeessaniiru.
 
Manni marichaa yaada marii dhiyaaterratti marii taasisuun yadda murtoo akka dhiyeessan Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa fi Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa Fi Demookraasiif qajeelchera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.