Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee bakka butoota maatii ispoortii waliin dhimma sochii ispoortii magaalaacharratti mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2013 (FBC)- Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee bakka butoota maatii ispoortii waliin sochii ispoortii magaalaa fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Aadde Adaanach dabalatee hoogganaan Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu fi komishinara komishinii Ispoortii magaalaa Finfinnee Balaay Dajaan hoggantoota hojii mootummaa olaanoo waliin maricha gaggeessaniiru.

Nageenyaa fi obbolummaa maatii ispoortii cimsuurra darbee wayita weerara vaayrasii koroonaatti harka qalleeyyiif maaddii qooduu fi tajaajila hawaasummaa adda addaa lataamaa jiru kan dinqisifatamuu ta’uu marichaan ibsaniiru.

Miseensoota hawaasa ispoortii magaalichaa gara naannolee magaalaa deemuun ispoortiin nageenyaa, jalaalaa, obbolummaa fi waloof shoorrii qabu hojiin muul’dhachaa jiraachuu himaniiru.

Guyyaa boriis gara magaalaa Ambootti ummattootaa giddutti  ispoortiidhaan hariiroo uumuu jila imaluuf carraa gaarii hawwaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.