Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaan karaan akka kabajamu qaamni hundi ga’ee isaa akka ba’u waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Ayyaana Iid Al faxirii Waggaa 1442ffaa nagaan akka kabajamuuf hawaasa Muslimaas ta’ee lammiileen biyyattii hundi shooraa isaa ba’uu akka qabu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesse.
Hawaasni Musliimaa naamusaa fi tokkummaa Afxiira Daandii irratti agarsiise kabaj ayyaana Iid Al faxirii irrattis agarsiisuu akka qabu Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan Eebbaan gaafataniiru.
Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa fi Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenya Magaalaa Finfinnee kabaja ayyaanaa Iid Al Faxirii guyyaa boruu kabajamu ilaalchisee waloon ibsa miidiyaaleef laataniiru.
Sagantaa Afxiraa daandiirraa kaleessarratti lammiilee kumni 15 hirmaachuu fi sagantichis rakkoo tokko maleen nagaan xummuramuu ibsaniiru.
Milkaa’iin sagantichaaf hirmaannaa qaamooleen nageenyaa fi Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee taasiisaan galteeffataniiru.
Hawaasni Musliimaa naamusa tokkummaan Ayyaana Id Al faxirii guyyaa boruu kabajamuus nagaan akka xumurmuuf tumsa gochuu qaba jadhan.
Itti gaafataman Biiroon Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Finfinnee obbo Baayyuu Shugguxees Ayyaanni Iid Al faxiriin nagaan akka kabajamuu qophiin barbaachisu taasiifamuu ibsaniiru.
Lammiileen biyyattii hundi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun ayyaanichi nagaan akka xumuramuuf ga’e irraa eegamu ba’uu qabu gaafataniiru.
Sirni kabaja ayyaanichaa Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu nagaan akka xummuramuuf qophiin barbaachisu taasiifamuu ragaan Waajjira Seekreeriyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.