Fana: At a Speed of Life!

Naannolee filannoo saanduqoonni cuquliisni waraqaa sagalee laachuu qabatan banamanii argamanitti filannoon hin gageeffamu

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC)- Naannolee filannoo saanduqoonni cuquliisni waraqaa sagalee laachuu qabatan banamanii argamanitti filannoon hin gageeffamnee ta’uu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa beeksiseera.

Naannolee filannoo kunneenis naannoo Amaaraa Daambiyaa akkasumas Tahuulaaradaree 1 fi 2, naannoo Oromiyaa Nageellee fi Gindabaraat ta’uu itti gaafatamtuun Komiinikeeshinii boordichaa aadde Sooliyaanaa Shimallis ibsa gaazixeessitootaf laataniin ibsaniiru.

Boordichi murtichaarra kan ga’eef naannolee filannoo eerramaniitti saanduqoonni cuquliisni waraqaa sagalee laachuu qabatan banamanii argamuun ta’uu himaniiru.

Guyyaa boruu filannoo gaggeeffamuuf hoji manni filattoonni komiisaanii ittin dhiyeeffataan diriiruu aadde Sooliyaanaa himaniiru.

Kanaafis buufata sagalee laachuutti koreen komii walitti qabu miseensoota 3 hundaa’uu EBCn gabaasera.

Dabalaataanis filattoonni karaa sarara bilibilaa 778 komiisaanii laachuu akka danda’an boordichi ibseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.