Fana: At a Speed of Life!

Adaamaatti lammiilee godina Booranaa hongeen miidhamaniif Birrii miiliyoonni 22.5 abbootii qabeenyarraa walitti qabame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Adaamaa lammiilee godina Booranaa hongeen miidhamaniif Birrii miiliyoona 22.5 ol abbootii qabeenyarraa walitti qabuu beeksiiseera.

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa abbootii qabeenyaa waliin haala yeroo irratti mari’ateera.

Abbootiin qabeenyaa marii kanarratti hirmaatan lammiilee Godina Booranaa hongeen miidhamaniif Birrii miiliyoona 22.5 ol gumaachuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalicharraa argame ni mul’isa.

Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldeen hirmaannaa hunda galeessa abbootiin qabeenyaa kunneen taasiisaniif galateeffataniiru.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.