Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanaach raayyaan ittisa biyyaa injifannoo gonfateen baga gammaddan jedhan

Finfinnee, Sadaasa 20, 2013 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee raayyaan ittisa biyyaa injifannoo gonfateen baga gammaddan jedhaniiru.
Mallattoo injifanno, gaachana biyyaa fi ilma ummaata kan ta’ee Raayya Ittisa Biyyaan injifannoo argameef gammachuu natti dhaga’ame yoon ibsu kabaja guddaatu natti dhaga’ama jedhan.
Aadde Adaanach injifannoon, kutannoo fi fakkeenyumman Raayyaa Ittisa Biyyaa kun Ityoophiyaaf yeroo itti aananiif bu’uura guddaa akka kaa’ee mirkanessuun barbaadas jedhaniiru.
Jiraattoonni magaalaa Finfinnees raayyaa ittisa biyyaaf hamiileen, maallaqaan, ogummaa yaalaa fi gama hundaatin deeggarsa taasisaa turu isaanii ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.