Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach sosochii qulqullinaa magaalaa eegalchiisan

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Abeebee sosochii qulqullinaa magaalaa kutaa magaalaa Qiirqoositti eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanachi, Yaa’ii hoggantoota Afrikaa 35ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu sababeeffachuun duulli qulqullina magaalaa guutuu magaalichaatti akka gaggeeffame waamicha dhiyeessuun kan yaadatamuudha.

Sagaantaan qulqullinaa guutuu magaalichaatti gaggeeffamu har’a kutaa magaalaa Qiirqositti bakka Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee argamanitti eegalameera.

Sagantaan kun guyyaa guyyaan torbee guutuu kan gaggeeffamu ta’uu Aadde Adaanach ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.