Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Kantiibaa Magaalaa Deenvar waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kantiibaa Magaalaa Deenvar Maayikil Haankook waliin mari’atan.

Mariin isaaniis Magaalaan Finfinnee fi Magaalaan Deenvar haala waliin hojjechuun danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Akkasumaas hoggantoota Mana Maree Daldalaa fi qondaaltoota olaanoo magaalichaa waliin dhimmoota waloon hojjechuu fi hojiitti hiikuun danda’amurratti marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.

Hoggantoota mana marichaa fi qondaaltoota magaalichaafis waa’ee Magaalaa Finfinnee ibsa bal’aa taasisuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.