Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufariyaat baarreessituu olaantuu dhimmoota siyaasaa fi ijaarsa nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Adooleessa 23, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil baarreessituu olaantuu dhimmoota siyaasaa fi ijaarsa nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Roozmaarii Dikaarloo waliin mari’ataniiru.

Ministirittin fuula miidiyaa hawaasa isaaniin akka ibsanitti, turtii isaaniin haala waqtaawaa Ityoophiyaa keessaahu naannoo Tigraayitti waliigaltee dhuukasaa dhaabuu booda deeggarsa namoomaa ilaalchisee baldhinaan mari’ataniiru.

Dabalataanis adeema jijjiirramaa Ityoophiyaa keesaa jirtu, adeemsa filannoo dhiyeenyaa gaggeeffamee fi sadarka biyyoolessaatti wagga tokkoof gageeffameerratti adeemsa marii hunda galeessaa ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.