Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufariyaat Kaamiil xalayaa Dooktar Abiy Ahimad irraa ergamee preezdaantii Faransaayiif laatan

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil xalayaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad irraa ergamee Preezdaantii Faransaay Imaanu’eel Maakrooniif laataniiru.

Jilli ministirittiin durfamuu xalayichaa preezdaantichaf gorsaa addaa dhimmoota Afrikaa Faarink Paariis laataniiru.

Wayita kanaattis Ministirittiin Seeneeti Faransaayiif dhimmoota waqtaawaa biyyarratti ibsa taasisaniiru.

Mootummaan naannoo Tigraayiin deebisee dhaabuuf tattaaffii taasifamuu, hojii yakkamtoota to’annaa seeraa jala oolchuu akkasumas naannichaa bakka tureetti deebisuuf tattaaffii taasifamuuf qaamni walabaa qorannoo taasisaa jiruurratti ibsa taasisaniiru.

Kanarra darbee mootummaan Ityoophiyaa Ityoophiyaa nageenyaa qabduu fi badhaatee uumuuf xiyyeeffannoo hojjechaa jiraachuu  ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.