Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Dagamitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Godina Shawaa Kaabaa aanaa Dagamitti balaa tiraafikaa guyyaa har’aa  mudateen lubbuun namoota 8 darbe.

Ballichi kan mudate konkolaataan fe’umsaa magaalaa Finfinneerraa ka’e konkolaataa uummataa aanaa Kuyyuurraa namoota 13 fe’ee gara magaalaa Ficheetti imalaa jiru walitti bu’uun ta’uu ibsameera.

Balaa uumameen lubbuun namoota 8 darbuu qajeelcha poolisii godinichaatti hogganaan nageenya tiraafikaa gargaaraan Inspeektaraa Taaddasaa Leenjisaa ibsaniiru.

Balichaan namoota 9 irratti miidhaa cimaan ga’uu fi yeroo ammaa hospitaala Ficheetti yaalamaa jiraachuu eeraniiru.

Balicha geessisuun kan shakkame konkolaachisaan konkolaataa fe’umsaa to’annoo jala ooluu ibsaniiru.

Saamraawwit Yasigaattu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.