Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitichaa Miidiyaa Piraayimiif akeekkachiisa dhumaa kenne

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Miidiyaa Piraayimiif akeekkachiisa dhumaa kenne.

Labsiin miidiyaalee Ityoophiyaa lakkoofsi 1238/2013 miidiyaaleen tamsaasa qabiyyee waliin jireenya lammiilee miidhaniifi wal amantaa kutaalee hawaasaa garaagaraa miidhan tamsaasuurraa akka of qusatan dirqama kan kaa’u ta’uu ibsameera.

Labsii miidiyaalee heera mootummaa FDRIfi seerota walfakkaatan biroo keessattis miidiyaaleen qabiyyee duudhaalee waloo diigan, wal danda’uun akka hin uumamneef sababa ta’aniifi lammiilee walitti bu’iinsaaf kakaasuu danda’an akka hin tamsaasne kan dhorku ta’uu ibsameera.

Televizhiiniin Piraayim yeroo dhiyoo asitti oduuwwaniifi qophiilee seerota kanneen cabsan tamsaasaa turuu hordoffii taasiseen mirkaneessuu ibsuun, bu’aa hordoffichaarraa ka’uunis irra deddeebiin akka sirreessuuf deebiin kennamaafii turuu yaadachiiseera.

Yeroo dhiyoo dura gaafa guyyaa 4/9/2015 waajjira abbaa taayitichaatti marii taasisuu yaadachiiseera.

Haa ta’u malee televizhiiniin Piraayim dogoggora isaa itti fufuun dhimmoota amantaa of eeggannoo cimaa barbaadan irratti qabiyyee seera cabsaniifi waliin jireenya lammiilee miidhan tamsaasuun yaalii lammiilee muddama hin malleefi balaaf saaxiluu irratti kan mul’ate ta’uu eereera.

Kanaaf miidiyichi gochaa isaarraa akka of sirreessuuf akeekkachiisni dhumaa kennamuufii abbaan taayitichaa beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.