Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Hindii Ityoophiyaatti dameewwan garagaraarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu himan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Hindii Ityoophiyaatti damee albuudaa, maanufaakchariingii, Agiroo proosesiingiin, teeknooloojii quunnamtii fi odeeffannoo, barnootaa fi dameewwan biroorratti bobba’uuf fedhii qabaachuu himaniiru.

Komishinarri Koomishinii Invastimantii Lalisee Namee fi Itti Aanaa Komishinaraa Daani’eel Tarreessaa abbootii qabeenyaa Hindiirraa dhufanii fi bakka bu’oota dhaabbilee daldalaa fi diinagdee Hindii waliin mari’ataniiru.

Gareen jilichaa karooraa invastimantii hawaachuu mootummaa Ityoophiyaa bu’uureffachuun affeerraan kan taasifameef yoo ta’u, Ityoophiyaatti damee albuudaa, maanufaakchariingii, agiroo proosesiingii, teeknooloojii quunnamtii fi odeeffannoo akkasumas damee barnootaa irratti bobba’anii hojjechuuf fedhii qabaachuu himaniiru.

Marichaan boodas abbootiin qabeenyaa Hindii Paarkiiwwan Indaastirii Bulbulaa, Boolee fi Qilinxoo daawwachuu isaanii ragaan Komishinii Invastimantii Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.