Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Kaappitaalaa Birrii biiliyoona 143 galmmeessisan hojiitti bobba’auuf fedhii agarsiisan jedhame

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Bara Baajataa kanatti Abbootiin qabeenyaa Kaappitaalaa Birrii biiliyoona 143 galmmeessisan hojiitti bobba’auuf fedhii agarsiisuu Ministeerri Indaastirii ibse.

Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal gabaasa raawwii hojii baawwatan salgan darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniiru.

Bara baajaata 2015 keessa Abbootiin qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 18 fi kan biyya Alaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 125 galmeessisan damee Invastimantii garaagararratti bobba’uuf gaaffii dhiyeessuu eeraniiru.

Baatiwwan salgan darban abbootiin qabeenyaa biyya alaa 67 haaraan gara biyya keessaa dhufuun hojii Invastimantiirratti bobba’auuf fedhii agarsiisuu himaniiru.

Abbootiin qabeenya biyya keessas misooma Indaastiraarratti bobba’auuf fedhii olaanaa mul’isuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.