Fana: At a Speed of Life!

Abdiin nageenyaa jalqabame akka mirkanaa’u itti gaafatama abbummaa ni ba’anna-Abbootii Amantaa Naannoo Tigraay

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC)- Abdiin nageenyaa jalqabame akka mirkanaa’u itti gaafatama abbummaa ni ba’anna jechuun Abbootii Amantaa Naannoo Tigraay dubbatan.

Abbootii Amantaa, amantii Kirstaanaa fi Islaamaa magaalota Shiraaroo, Aksumii fi Adwaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif yaada isaanii kennan nagaa labsuun gochaa amantaaleen fudhatama qabu ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaa hordofee nageenya deebi’aa jiru hunduu eeguu fi kunuunsuu qabas jedhaniiru.

Duudhaalee amantaa gaggaarii hordoftootaa barsiisuun waraanni itti fufiinsaan dhaabbatee nageenyi akka mirkanaa’u ni hojjenna jedhaniiru.

Nageenyi boora’uun dhiibbaa manneen amantaa fi hordoftoota irratti uumu dhaabuuf dursanii nageenyarratti hojjechuun ni danda’ama jedhaniiru.

Abbootiin amantaa waliigaltee nageenyaa hordofee hojiileen tajaajila bu’uuraa, nageenyaa, deeggarsi namoomaa jalqabbii gaariirra jiraachuu eeraniiru.

Hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan naannawaa hundatti saffisaan akka walga’u akka hojjetamu gaafataniiru.

Abbootiin amantaa ilaalcha siyaasaarraa walaba ta’uun nageenyi akka bu’uureffamuu fi jireenyi idilee lammiilee akka mirkanaa’u itti gaafatama abbummaa akka ba’aan hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa abbootiin amantaa kunneen hordoftoota tasgabbeessuu fi barsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Afwarqi Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.