Fana: At a Speed of Life!

ABUT gareen shiraan dhalatee, sobaan guddate diina Ityoophiyaati – Obbo Umood Ujuluu

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT garee shiraan dhalatee, sobaan guddate diina Ityoophiyaa fi Ummata isheeti jedhan Preezdaantiin Naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluu

Shira Ityoophiyaa diiguuf xaxamaa jiru fashaleessuuf cimanii kan hojjetan ta’uu jaarsolii fi namoonni bebbeekkamoon naannoo Gaambeellaa ibsaniiru.

Naannoo Gaambeellaatti  mariin Jaarsolii biyyaa, namoota bebbeekkamoo fi qaamolee hoggansaa hirmaachisuun dhimmoota haala waqtaawarratti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Gochaa badii gareen shororkeessaa ABUT fi ergamtoonni isaa lammiilee nagaa fi bu’uuraalee misoomarratti raawwachaa jiru dhaabsiisuuf hirmaannaa hunda galeessa taasiisuuf hirmaattooni kunneen waadaa galaniiru.

Raayyaa Ittisaa, humnoota addaa fi milishoota adda waraanaatti argaman cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.

Preezdaantiin Naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluu gama isaaniin gareen Shororkeessaa ABUT garee shiraan dhalatee, sobaan guddate diina Ityoophiyaa fi Ummata ishee ta’uu ibsaniiru.

Shira biyya diiguu garichi taasiisaa jiru qolachuuf hundi qaama duula birmadummaa ta’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.