Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa fooyyoftuu uumuuf dargaggootarratti hojjetamuu qaba- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015(FBC)- Carraa egeree Afrikaa gaarii taasisuufi Afrikaa fooyyoftuu uumuuf hoggantoonni ardichaa  dargaggootarratti hojjechuu akka qaban Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Obbo Dammaqaan Yaa’ii Idilee Gamtaa Afrikaa Niijer Niiyaamiitti gaggeeffamaa jiru cinaatti Waltajjii Bittaafi Gurgurtaa Elektirooniksii Afrikaarratti argamuun haasawaa taasisaniiru.

Hojiin dargaggootaaf carraa hojii uumuu dhimma ijoo ardichaa ta’uu kaasaniiru.

Waltajjii Bittaafi Gurgurtaa Elektirooniksii Afrikaafi kanneen biroon biyyoota miseensota Gamtaa Afrikaan deeggaramuu akka qaban eeraniiru.

Afrikaan diinagdee diijitaalaa idil addunyaa keessatti gahee isheef malu argachuu akka qabdu eeruun, kun ta’uu baannaan uummanni ardichaa bilisummaa siyaasaafi diinagdee argachuu akka hin dandeenye kaasaniiru.

Rakkoolee Afrikaa Afrikaan furuufi ogummaa Afrikaanotaa guddisuufi eeguuf muuxannoowwan diijitaalaa walfakkaataan hojiirra oolaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.