Fana: At a Speed of Life!

Afrikaanonni Sagantaa Asharaa Magariisaa Ityoophiyaa ajandaa Afrikaa taasisuun hojiirra oolchuu qabu-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Guraandhala 12, 2015 (FBC)- Afrikaanonni Sagantaa Asharaa Magariisaa Ityoophiyaa Ajandaa Afrikaa taasisuun hojiirraa oolchuu akka qaban Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaa cinaatti Fooramiin Paan Afriikaaniizimii, Akkaadaamii Hoggansa Afrikaatti har’a gaggeeffameera.

Fooramicharratti Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin dabalatee dureewwan biyyoota Afrikaa, ambaasaaddaroonni, dippilomaatonni, hayyoonni bakka bu’ootaa waldaalee siiviikii fi abbootiin amantaa hirmaataniiru.

Waltajjicharrattis muuxannoo Ityoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaarratti qabdu dhiyaateera.

Obbo Dammaqaa Mokonnin akka ibsanitti, sagantaa Ashaaraa Magaariisaa waggoota afuran darban lammiilee hirmaachisuun biqiltuuwwan biiliyoona 20 ol dhaabamaniiru.

Sagantichaan wabii nyaataa fi misooma waaraa mirkaneessuuf akkasumaas jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu kaasanii, sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaarra darbee ajandaa ardichaa akka ta’uuf mootummaan bara darberraa eegalee murannoon hojiitti seenuu himaniiru.

Haaluma kanaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu bira darbee hiyyuummaa dhabamsiisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa ajandaa ardichaa taasisuun hojiirra oolchuu akka qaban eeraniiru.

Xumuramuu fooramichaa boodas dureewwan biyyootaa garaagaraa fi kanneen biroon sagantaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaataniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.