Fana: At a Speed of Life!

Afyaa’iin Caffeen Oromiyaa Mawulidaa Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Ayyaana Mawulidaatti fakkeenyummaa fi qajeelummaan tokkummaan kabajuu qabna jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan.

Aadde Sa’aadaan Ayyaana Mawulidaa Boru kabajamu Sababeeffachuu ergaa baga nagaan geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Nabii Muhaammad (S.A.W), ergamaa rabbiifi barsiisaa Qur’aana Qulqulluu, naamusa addaafi amala gaarii isaan qaban, beekumsa guddaafi arjummaa olaanaa dhalli namaa hin qabneen kan guuttamaniifi beekumsa addaa Rabbiin isaan badhaaseen kan beekaman, qajeeltoowwan Qur’aanni qulqulluun ajajuufi barsiisu qabatamaatti hojiirra oolchuun wayita lubbuun jiranitti dhala namaaf fakkeenya gaarii ta’uun daandii fayyinaa barsiisaa turaniiru.

Hordoftoota amantaa Musliimaa biratti, ayyaanni Mooliidaa Guyyaa Dhaloota Nabii Muhaammad (S.A.W) yaadachuuf kan kabajamu yommuu ta’u, guyyaa kanatti fakkeenyummaafi qajeelummaa isaan qaban yaadachaa, daandii isaan irra imalan hordofuun ayyaanicha tokkummaan kabajuu qabna.

Guyyaa kanatti duudhaalee gaggaarii qabnu dagaagsinee, nagaafi jaalala, miira obbolummaan waan qabnurraa waliif qooduun, aadaa dhiifamaafi gara laafummaa barsiisa isaaniirraa baranneen dabaaluun kabajuutu nurraa eegama.

Duudhaalee nagaafi jaalalaa Nabii Muhaammed (S.A.W) nu barsiisan kana qabannee, jiruufi jireenya ummata keenyaa boqonnaa itti aanutti ceessisuuf, hojiiwwan roga maraan hojjetamaa jiran cinaa dhaabbannee, qooda lammii tokkorraa eegamu bahachuutu nurra jiraata.

Mootummaan Naaannoo Oromiyaas, fayyadamummaa ummata naannichaa dhugoomsuuf karoora xiiqii bara 2016 keessatti dameewwan hundarratti qabate karaa guutuu ta’een akka hojiirra ooluuf xiyyeeffannaa addaa kenne hojjechuurratti argama.

Biyyi hirmaannaa waloo lammiilee isheetiin gara badhaadhinaatti ceeti. Ummanni keenyas, nageenya qe’eefi naannoo isaa mirkaneessuun, hojiiwwan misoomaa kallattii hundaan hojjetamaa jiran keessatti humna, beekumsaafi qabeenya qabuun hirmaatee imala guddina naannoofi biyya keenyaa mirkaneessuu keessatti gahee isaa adda durummaan bahachuutu irraa eegama.

Caffeen Oromiyaas, galmoonni misoomaa gurguddoon bara kanaaf karoorfaman akka milkaa’aniif itti gaafatamummaa heeraafi ummata naannichaan kennameef bu’uura godhachuun jiruufi jireenyi ummata keenyaa fooyya’ee boqonnaa itti aanutti akka cehuuf, qindoominaan kan hojjetuufi gahee isaa yeroo kamiyyuu caalaa kan bahatu ta’a.

Dhumarrattis, guyyaa dhaloota Nabii Muhaammad (S.A.W) bara kanaa, ‘Nagaafi Raahamanni Rabbii Isaanirra Haa Jiraatu’ jechaa, seenaa jireenya isaanii irra barachuun, akkasumas, imaanaa isaan nuuf dhaaman hojiirra oolchuun, ayyaanni Mooliidaa bara kanaa kan nagaafi araaramni rabbii itti nuuf baay’atu, waan karoorfanne galmaan itti geenyu, kan gammachuu, jaalalaa, tokkummaafi milkii akka nuuf ta’u hawwiin qabu ibsa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.