Fana: At a Speed of Life!

Ajjeecha atriisti Haacaaluu Hundeessaan shakkamtoonni 2 to’annoo jala oolaan

Finfinnee, Adoolessa 3, 2012 (FBC)- Abbaan Alangaa Waliigala Federaalaa aaddee Adaanach Abeebee, tibba tarbee ajjeecha gara jabeenya artiisti Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatameen shakkamtoonni  2 to’annoo jala ooluu ibsaniiru.

Aaddee Adaanach ibsa guyyaa har’a laataniin, shakkamaa 1ffaan Xilaahuun Yaamii fi 2ffaan ammoo Abdii Alamayyoo to’annoo jala ooluu dubbataniiru.

Shakkamaa 3ffaan Kabbadee Gammachuu ammoo to’annoo jala oolchuuf tattaffiin taasifama jiraachuu ibsichaan kaasaniiru.

Hawaasnis shakkamicha to’annoo jala oolchuuf tattaaffi taasifamuuf tumsa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Shakkamaa tokkoffan Xilaahuun Yaamii sagaalee poolisiif lateen Haacaaluurratti akka dhukaaseefi ergama  ABO shaneerraa fudhateen ta’u amaneera.

Shakkamichiis ergamicha namoota lamarraa akka fudhatee amaneera.

Ibsichaanis mootummaan hojii seeraa kabachiisuu cimsee akka itti fufuus dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.