Fana: At a Speed of Life!

Alhiilaal Neeymaariin mallatteessisuuf PSG’n waliigale

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC)- Kilabni Kubbaa Miilaa Saa’udii Alhiilaal, Neeymaar Juuniyariin mallatteessisuuf Kilabaa Kubbaa Miilaa Faransaay PSG waliin waliigalteerraa ga’uun ibsame.

Hoggantoonni kilaboota lameenii taphaticha mallatteessisuuf sadarkaa qajeelfamaan waliigalteerraa kan ga’an yoo ta’u, jijjiirraa kanaafis PSG’n Paawundii miiliyoona 86 kan argatu ta’uun ibsameera.

Bu’uuraa waliigaltechaan Neeymaar waliigaltee hanga bara 2025’tti turu kan mallatteessu ta’uun kan eerame yoo ta’u, turtii isaanis waggaatti Paawondii miiliyoonni 129 kan kaffalamuuf ta’uun himameera.

Gama biraatiin, Goolii Eegaan Kilabaa Cheelsii Keeppaa Arziyaabaalaagaan Riyaal Maadiriiditti makameera.

Keeppaan hanga bara Faranjootaa 2024’tti Riyaal Maadiriidiif kan taphatu yoo ta’u, waliigaltecha ergaa xumureen booda gara Itaamfoordi Boriijitti kan deebi’u ta’uu SKY Sport Gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.