Fana: At a Speed of Life!

Amaazoon vaayrasii koroonaa sababeeffachuun oomishaalee daballii gatii taasisaaniratti tarkaanfii fudhate

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Amaazoon vaayrasii koroonaa sababeeffachuun oomishaalee daballii gatii hin barbaachiifne taasisaanii fi odeeffannoo dogoggoraa tamsaasan miliiyoona 1 fuulasaarraa haquu beeksiseera.

Dhaabbatichi oomishaalee tajaajila Vaayrasicha ittisuuf oolaa kanneen gatiin isaanii %5 ol dachaan dabalanirratti tarkaanfii kana fudhachuu ibseera.

Dhaabbatichi gurgurtoonni oomishaalee gurguraniif yeroo mara odeeffannoo sirrii akka dhiyeessaniif qajeelfama baaseera.

Kanneen qajeelfamicha cabsan ammoo fuulasaarra akka haqu beeksiseera.

Yeroo fayyaan addunyaa haala sodaachisaa keessa jiru kanatti oomishaalee barbaachisoo ta’anirratti gatii dabaluun komii olaanaa ta’aa jira jedhameera.

Tarkanfiin kun qaamoolee daballii gatii taasisuun maamiltoota dogoggorsuuf yaalan ni dabalata jedhameera.

Sababa kanaan dhaabbileen inshuuransii qajeelfama  gatii haqaa qabeessa ta’e hordofuu akka qaban yaadachiiseera.

Dhiyeessitoota qaljeelfama Dhaabbatichaa cabsa hojiin to’annoo fi tarkaanfii fudhachuu itti fufa jedhame.

Maddi:-CNN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.