Fana: At a Speed of Life!

Amajjii 2,2012 eegalee manneen seeraan ala ijaarramanirratti tarkaanfiin ni fudhatama

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Amajjii 2,2012 eegalee manneen seeraan ala ijaarramanirratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhe Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee.

Tarkaanfiin seeraa fudhatamus weerara lafaa babal’ataa dhufe ittisuu fi to’achuufi jedhameera.

Tarkaanfiin seeraa kunis bulchiinsa magaalaa Finfinnee aanaalee 116 keessatti kan fudhatamudha.

Poolisii Finfinnee, Poolisii Federaalaa, Poolisiin Oromiyaa fi godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee tarkaanficha qindaa’uun kan fudhatan ta’a.

Aanaalee hundatti manneen seeraan ala ijaarraman adda baafamaa jiraachuu Waajjirri Kantiibaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.