Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Fissahaa Shaawuul qondaaltoota waraanaa biyyoota adda addaaf haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchise ibsa taasiisan

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Ministeera Dhimma Alaatti Daayreekterri Jeneraalaa Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawuul haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee qondaaltoota waraanaa biyyoota Afrikaa 5f ibsa taasiisaniiru.
Qondaaltoonni waraanaa kunneen Koollejjii Leenjii Raayyaa Ittisaa Biyyaalessaa Taanzaaniyaatti leenjii fudhachaa kan jiran yoo ta’u, Naayijeeriyaa, Taanzaaniyaa, Biruundii, Zimbaabuwee fi Ruwaandaa keessaa kan walitti babba’an ta’uu eerameera.
Garee kanaaf Imaammata alaa Ityoophiyaa fi haala qabatamaa yeroo ammaa ilaalchisee ibsi taasifameefira jedhame.
Ambaasaaddar Fissahaa dhiibbaa yeroo ammaa Ityoophiyaarra ga’aa jiru ilaalchsee qondaaltoota kanneeniif ibsa taasisaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.