Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan ambaasaaddaroota biyyoota addaddaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ambaasaaddaroota biyyoota addaddaa teessoo isaanii magaalaa Finfinnee godhatan waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Reedwaan ambaasaaddaroota Raashiyaa, Awustiraaliyaa fi Arman waliin mari’ataniiru.

Turmaat isaanitiin Ityoophiyaan biyyoota kanneen waliin hariiroo daldalaa, barnoota, aadaa, invastimantii, saayinsii fi teeknooloojii daran cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddaroonni maricharratti hirmaatanis tumsaan hojjechuuf balballi isaanii banaa ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.