Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa garaagaraaf haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa laatan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) –  Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa garaagaraaf haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa laataniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan Minitiroota Ministeera Dhimma Alaa Seeneegaal, Zimbaabwee, Kaameeruunii fi Kootdiivaariif haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa laataniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan Ministiroota Dhimma Alaa kanneen waliin dhimmoota haala yeroo fi naannawaarratti mari’achuu ibsameera.

Akkasumas dhimmoota biyyaalessaa, hidha haaromsa guddichaa fi waldhabdee daangaa Ityoo-Sudaanirratti mari’achuu ragaan  Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.