Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen sagantaa nyaataa addunyaatti daayreektara naannawaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 13, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen sagantaa nyaataa addunyaatti daayreektara naannawaa Mikaa’eel Joon Danfordiin waliin mari’ataniiru.
Weerara gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaaritti gaggeesseen miidhaan hedduun qaqqabu Ambaasaaddar Reedwaan ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan fedhii walitti bu’iinsi kaabaa biyyattiitti uumame akka dhaabbatu qaburraa ka’uun Waraanni gara Naannoo Tigraay akka hin seenne murteessuu ibsaniiru.
Yaa ta’uutii gareen shororkeessaa ABUT waraanichi akka itti fufu fedhii qabaachuu isaan qocholoo isaa itti fufuu himaniiru.
Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’uun gara naannoo Tigraay seenaan waraana ABUTn ugguramuun geejjibaaf deddeebisa waraanaaf oolaa jiraachuu eeruun, hawaasni idil addunyaa dhimmicha callisaan darbuun naannichatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf rakkoo uumuu kaasaniiru.
Mootummaan nageenya lammiilee eeguuf dirqama waan qabuuf garichi qocholoo taasiisu yoo hin dhaabne tarkaanfii barbaachisu fudhachuu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Tarkaanfiin mootummaan fudhatu lammiilee nagaarratti kan xiyyeeffate jechuun himannaan garichi dhiyeessu himata sobaa ta’uu ibsaniiru.
Mikaa’eel Joon Danfordiin gama isaaniin adeemsa mootummaan hordofaa jiru dinqisiifachuun, tarkaanfiin gareen shororkeessaa ABUT fudhataa jiru garuu daraan kan isaan yaaddeesse ta’uu himaniiru.
Sagantaan Nyaata addunyaa midhaan nyaataa toonii 700 deeggarsa taasiisuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Naannoo Amaaraa fi Afaaritti deeggarsa namoomaa qaqqabisuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Akkasumas Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti lammiilee sababa hongeen miidhaman deeggaruuf dhaabbatichi tattaaffii taasiisaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.