Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan imaltoota alarraa biyya ishee seenaniif ulaagaa qorannoo COVID keessee turte kaaste

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) – Imaltoota Daandii Qilleensaa Ameerikaan gara biyyattii seenan seera waraqaa ragaa qorannoo vaayirasii koronaa akka qabaatan jedhu keessee turte kaasteetti.
Seerichi kan ka’es tattaaffii ittisa vaayirasii koronaa taasifameen baay’inni dhibamtootaa fooyya’iinsa olaanaa argisiisuu hordofee ta’uu aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.
Indaastiriin imala alaa biyyatti seerri vaayirasii koroonaa akka ka’uuf dhiibbaa taasisa turuun eerameera.
Keessumaa namoonni gara ameerikaa imalan dursanii bakka qabachuuf sababa ulaagichaan rakkachaa akka turan eerameera.
Giddugalli Ittisaa fi To’annoo Dhibeewwanii biyyattii, murtee imaammata vaayirasii koronaa guyyoota 90 keessatti irra deebiin ni gamaaggama jedhameera.
Tatamsa’inni vaayirasichaa haaraan yoo mul’ate fi aanga’ooni barbaachisaa ta’uu yoo itti amanan seerichi deebi’uu akka danda’u himamuu BBC’n gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.