Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan talaallii dhibee Maariyyee Jaldeessaa kennuu eegaluuf ta’uu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Ameerikaan lammiileen biyyattii 300 olta’an vaayirasii Maariyyee Jaldeessan qabamuu hordofee talaallii dhibichaa laachuu eegaluuf ta’uu beeksifteerti.
Baatiwwan dhufan keessa talaallii kuma dhibba 3 ol raabsuuf ta’uu karoorri Waayit Hawus qopheesse ni mul’isa.
Bara dhufu ammoo talaallii miiliyoona 1.6 raabsuuf karoorfachuu ibseera.
Karoorri raabsa talaallichaa hojiitti yoo hiikkame facaatii vaayirasichaa saffisaan ittisuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.
Hanga ammaatti kutaalee fi buchiinsi biyyattii 32 ta’an talaallicha gaafachuu isaanii himameera.
Ameerikaatti hanga guyyaa kaleessatti lammiileen 305 vaayirasii Maariyyee Jaldeessaan qabamuu ‘RT News’ gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.