Fana: At a Speed of Life!

Argisiisni suuraa “Waa’ee Ityoophiyaa” Gambeellaatti baname

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) –Argisisni suuraa “Waa’ee Ityoophiyaa “ jedhu Naannoo Gambeellaatti banameera.

Argisiisichas Pireezidaantii Mootummaa Naannnoo Gambeellaa Obbo Umud Ujuluu, Ministira Ministeera Jallisii fi Naannawwaa Gammoojjii Injinaar Ayishaa Mahammad fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaatti Itti Waamamaa Mootummaa Obbo Tasfaaye Beeljigee bananiiru.

Dhaabbata Pireesii Ityoophiyaatiin kan qophaa’e argisiisni suuraa kun bara 1960 hanga ammaatti siyaasa Ityoophiyaa keessatti taateewwan mudatan suuraan daawwannaaf dhiyaachuun ibsameera.

Keessumaa bu’aa ba’ii duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu suuraan argisiisaaf dhiyaachuu ragaan Pirees Sekireetaariyaatii Gambeellaarraa argamee ni muldhisaa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.