Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti namoonni kuma 24 ol dhibee busaaf saaxilamuu eerame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti namoonni kuma 24 ol dhibee busaaf saaxilamuu Waajjirri Fayyaa Godinichaa beeksise.

Itti Aanaan Itti Gafaatamaa Waajjira Fayyaa Godinichaa Obbo Mahaammad Gammaadii godinichatti aanoota 8 keessaatti dhibeen busaa bifa weeraraan mudaachuu himaniru.

Roobni addaan ciccituu fi bookeen buusaa haaraan mul’achuun weerara dhibichaaf ka’umsa ta’uu eeraanii, waajjirichi weerara dhibee buusaa dhabamsiisuuf keellaa fi buufataalee fayyaa 31 keessatti dhiyeessii qorichaa fi qorannoo fayyaa bilisaan kennuuf haala mijeessuu himaniiru.

Ittisaa fi to’annoo dhibichaaf aanaalee afuritti saaphana siree kuma 321tti dhihaatu abbootii warraa Kumaa 144 fi 800 oliif raabsamuu Obbo Mahaammad dubbataniiru.

Saphaanni siree rabsames haala weerara dhibee busaa ammaan wal-qabatee gahaa kan hin taaneedha jedhani.

Biiffaan keemikaalaa mana manatti hanqina keemikaalaan waliingahuun akkahindanda’amen ibsanii, ammaaf gandoota daran saaxilamanirratti xiyyeeffachuun keemikaalli kan biifamu ta’uu eeran.

Hawaasni haalota walhormaata bookee busaaf mijaawoo ta’an dhabamsiisuun, dhibee buusaa irraa akka of eeguuf waamichi dhiyaateera.

Geetaachoo Mul’ataatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.