Fana: At a Speed of Life!

Artiist Ayyalaa Maammoo addunyaa kanarraa du’aan boqate

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Weellisaa fi barreessaan Yeeddaloo fi Walaloo Ayyalaa Maammoo addunyaa kanarraa du’aan boqateera.
Weellisaa fi barreessaan Yeeddaloo fi Walaloo Ayyalaan weelliftoota hedduuf Yeeddaloo hojjechuun laateera.
Ayyalaa Maammoo,Artiistii buleessa Sirba “Kaaliipsoo” jedhamuun beekama.
Kaaliipsoon akkaataa shubbisa biyyoota Kaariibiyaaniiti.
Ayyalaan Aartii Afaan Amaaraa qofa otoo hin taane,guddina Aartii Oromootiifis gumaacha guddaa fi dhalootaa gara dhalootaa darbu hojjeteera.
Ayyala Maammoo weellisaa,barreessaa,qindeessaa muuziqaa fi hayyuu muuziqaa aadaati.
Salaaleetti kan dhalate Ayyalaa Maammoo sirboota jaalatamoo Dooktara Kabajaa Artiist Xilaahun Gassasa afur barreesseera.
Isaanis, “Ani si malee maalan qaba”, “Bareedduu yaa magaala qalloo”, “Dammee maaloo qalbiin na dide” fi “Magaallee tiyya koottu yaa shoolee” fa’i.
Ayyala Maammoo meeshaa muuziqaa Maandooliin jedhamu taphachuudhaan beekkama.
Akkasumas bara 1950 eegalee Indaastirii Muuziqaa Ityoophiyaa keessatti nama gumaacha guddaa taasiiseedha.
Sirni awwaalcha isaa guyyaa boruu mana Amantaa Kaateediraalii Qulquulluu Sillaaseetti ni raawwatama jedhame.
Faanaa Broodkaasting Korporeet maatii, firoottanii fi dinqisiifattoota isaa hundaaf jajjabina hawwa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.