Fana: At a Speed of Life!

Asallaatti ijaarsi bu’uuraalee misoomaa gaaffii ummataa deebisuu danda’an hojjechaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Asallaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa gaaffii ummataa deebisuu danda’an hojjechaa jira.

Kantiibaan magaalichaa obbo Gabree Urgeessaan akka beeksisanitti ijaarsi daandii keessoo dhagaa, cirrachaa fi aspaaltii, suphaa fi bo’oon bishaanii fi lolaa kiilo meetira 30 olii hojjetamaa jira.

Fooyyessi bishaan dhugaatii, iddoowwan oomishaa fi gabaa intarpiraayizii xixiqqaa hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Kantiibichi Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti akka himanitti magaalichi fayyadamtummaa hawaas diinagdee jiraattotaa mirkaneessuuf hojjechaa jira.

Bu’uuraalee misoomaa ijaarsarra jiraniin cinaatti kan hojjetamaa jiran %60 ol qaqqabaniiru.

Ijaarsi isaanii amma Waxabajjiitti kan xumuramu yammuu ta’u, jiraattota kuma dhibba 1 fi kuma 50 ol fayyadamoo ni taasisu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.