Fana: At a Speed of Life!

Atileet Siifan Hasan Maaraatoonii Landan injifatte

Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Atileet Siifan Hasan dorgommii fiigichaa maaraatoonii Landan 2023 injifatteetti.

Atileet Siifan Hasan dhalattuu Ityoophiyaa, Neezerlaandiif fiigdu ta’uun kan beekamuudha.

Siifan Hasan dorgommicha Sa’aatii 2 fi daqiiqaa 18 fi sekoondii 33’n 1ffaa yoo ba’uu dandeesseetti.

Atileetiin Ityoophiyaa Magartuu Alamuu 2ffaa baateetti.

Akkasumaas Atileetiin Keeniyaa Peerees Jepchirchir 3ffaan xumuruu dandeesseetti.

Fiigichicha ramaddii dhiiraan Atileetiin Keeniyaa Keelviin Kiptam sa’aatii 2 fi daqiiqaa 01 fi sekoondii 25 yoo injifatu, seena fiigichaa maaratoonii keessatti sa’aatii saffisaa 2ffaa ta’uun galmaa’eera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.