Fana: At a Speed of Life!

“Atimiis” ergama nageenya naannawichaa kabajiisuu fudhate

Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Kibba Lixa Somaaliyaatti ergama nageenya kabachiisuu AMISOM bahachaa kan turee Raayyaan Nageenya Kabachiisaa Ityoophiyaa marsaa 6ffaa moggaasa maqaa “Atimiis” jedhuun haaraa kan gurmaa’ee Raayyaan Nageenya Kabachiisaa Ityoophiyaa ergama nageenya naannawichaa galmaan ga’uuf ittigaafatamaa fudhateera.

Seektaricha jalatti dhaabbilee deeggartootaa fi qaamoleen nageeyaa taajjabdummaan bakka argamanitti sirni walharkaa fuudhiinsaa gaggeeffameera.

Ajajaa Olaanaan Seektarichaa Birgaader Jeneraal Zawuduu Axiyaargee, raayyichi guyyaa dirqama guyyaa naannwichaa kabachiisuu fudhatee eegalee, naannawaa dirqamaaf bobba’etti nageenyaa fi tasgabbii kabachiisuun, nageenyaa ummataa Somaaliyaa mirkaneessuu ibsaniiru.

Filannoon Somaaliyaatti dhiyeenya gaggeeffamee bu’aa hojii raayyichaaf argisistuudhaa jedhan.

Ajajaa haaraa seektara 3ffaa “Atimiis” ta’uun ergama naannawichaa kan fuudhan Birgaader Jeneraal Basifaat Faantee, bara hojii ittaanutti ciminoota argaman itti fufsiisuun ergama “Atimiis” ga’umsaan akka raawwachiisan eeruu Ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.