Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana bara haaraaf oomishaaleen gatii madaallawaan akka dhiyaatan hojjetamaa jira – KQBQM

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC) – Ayyaana bara haaraaf oomishaaleen gatii madaallawaan akka dhiyaatan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Qonnaan Bulaa fi Qonna Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Giddu galli misooma Beelladaa magaalaa Finfinnee dhiheenya eebbifamee hojii eegale dameewwan gurguddoo sadiin hojii hojjetaa jiraachuu Itti Aanaan Komishinaraa Komishinichaa Obbo Musammaan Jamaal ibsaniiru.
Oomisha Aannanii, Furdisa Loonii fi horsiisa lukkuurratti hojii bal’aa hojjetaa jiraachuu eeraniiru.
Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun Boruu eegalee iddoolee filataman 25 irratti Killeewwan miiliyoona 2 ol Birrii 8 hanga Birrii 10 kan dhiyeessu ta’uu Obbo Musammaan ibsaniiru.
Horii qalmaa 500 fi Lukkuu qalmaaf oolaan kuma 65 ol gatii madaallawaan kan dhiyeessu ta’uu AMN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.