Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana cuuphaa Magaalaa Baatuutti!

Finfinnee, Amajjii 1, 2015 (FBC) – Magaalaa Baatuutti Ayyaana Cuuphaa haala hoo’aa ta’een kabajuuf qophiin xumuramaa jiraachuu ibsame.

Baatuun magaalota carraa Turiziimii qaban keessaa ishee tokko yoo taatu, Magaalattiin qarqara Haroo Dambalitti hundaa’uun carraa turizimii bal’aa akka qabaattuf sababa ta’ee Jira.

Harri Dambal Tulluuwwan ykn Odolowwan gurguddoo shanii fi xixiqqoo hedduu kan qabu yoo ta’u,Odolli kunneen manneen amantaa fi hambaalee amantaa waggaa dheeraa lakkoofsisanii fi lubbu qabeeyyii hedduu ofirraa qabaachuun daawwattoota hawwachuuf qooda olaanaa ba’aniiru jedhame.

Ayyaana cuuphaa haala addaan Haroo Dambal irratti kabajamuuf hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa fi Turistoonni hedduun kutaalee biyyattii garaagaraa fi biyya alaatii gara magaalattiitti ni imalu.

Bulchiinsi magaalaa Baatuus Kabaja Ayyaana cuuphaatiif keessummoota gara magaalattii dhufan haala addaatiin simachuuf qophii barbaachisu xumuraa jiraachuu ibsuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.