Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Masqalaa fi Daamara irratti daballii gatiifi nageenya hordofuun barbachisaadha – Zhaanxiraar Abbaay

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Ayyaana Masqalaa fi Daamara irraatti hawaasni daldalaa daballii gatii fi wantoota nageenyaaf shakkisiisoo ta’an hordoffii taasisuu akka qaba Itti Aanaan Kaantiiba Magaalaa Finfinnee Obbo Zhaanxiraar Abbaay hubachiisan.

Ayyaanni Masqalaa fi Daamaraan nagaan akka kabajamuuf daldaltoota Magaalaa Finfinnee waliin mariin gaggeeffameera.

Obbo Zhaanxiraar Abaay hasaawa taasisaniin, ayyaana hambaa addunyaa ta’e Masqaala yommu kabajnu hawaasni daldalaa daballii gatiifi haalota nageenyaaf sodaa ta’an akka hordofan hubachiisaniiru.

Gareen shororkeessaa waraanarratti injifatame gochaa shororkeessummaa isaa bakka kabaja ayyanichatti raawwachuu akka hinyaalle hawaasni daldalaa qaamolee nageenya waliin ta’uun naannoo isaanii akka eegan dhaamaniiru.

Hogganaan Biiroo Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee Obbo Mulugeeta Tafarra gama isaaniin, hawaasni daldalaa ayyanni Masqalaa nagaan kabajamee akka xumuraamuf gahee isaanii akka bahanis gaafataniiru.

Hogganan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee, Obbo Adaam Nuri gama isaaniin, osoo ilaalcha, gosaa fi amantaan wal hinqoodin bakka ayyanichi itti kabajamuu qulqulleessuu dabalatee hanga ayyanichi kabajamee xumuramutti hawaasni daldalaa waloon hojjachuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.