Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Mawulidaa kan kabajnu seenaa addunyaafi jireenya dhala namaa jijjiruun tahuu qaba-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 28, 2015(FBC)- Ayyaana Mawulidaa kan kabajnu seenaa addunyaafi jireenya dhala namaa jijjiruun tahuu qaba jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ayyaana Mawulidaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Nabiin Mohammad(PBUH) dhalachuusaanitti addunyaan hedduu fayyadamteetti; seenaa addunyaa jijjiraniiru; jireenya dhala namaas jijjiraniiru jedhan ergaasaaniin.

Ayyaana Mawulidaa kan kabajnu seenaa addunyaafi jireenya dhala namaa jijjiruun tahuu qabaas jedhaniiru.

Hojii qonnaafi indaastirii omishtummaa irratti hojjachaa jirru seenaa biyya keenyaafi jireenya uummata keenyaas kan jijjiruudha jedhan.

Ityoophiyaa waraana irraa baraaruun fuula keenya guutummaa guutuutti karoorawwan seenaafi jireenya gara jijjiiranitti fulleeffannaa jedhaniiru.

Sirna nyaataa maatiiwwan keenyaa gara jijjiranitti xiyyeeffachuun hojii eegallee cimne akka hojjannuuf gamanumaan waamichan dhiheessa jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.