Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun qaala’iinsaa fi daballii gatii mudachuu malu haala ittisuun danda’amurratti mari’atame

Finfinnee, Ebla 22, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun qaala’iinsaa fi daballii gatii mudachuu malu ittisuuf karoora qophaa’eerratti mari’atameera.
Gabaan ayyaanaa Sooma Hiikaa haala tasgabbii qabuun akka gaggeeffamu Humni Waloo hundaa’e karoora qophaa’erratti mari’ateera.
Haaluma kanaan Ayyaana kana sababeeffachuun daballiin gatii akka hin taasiifamne, giddu galoota gabaan alatti adeemsi bittaa fi gurgurtaa kamuu akka hin raawwanne, qalmi seeraan alaa akka hin gaggeeffamne fi daldalli seeraan alaa daandirratti gaggeeffamu guutummaatti akka dhorkamu korichi kallattii kaa’eera.
Gama biroon gabaa ayyaanaa sababeeffachuun Noottii Birrii Sobaa mudachuu malu ittisuuf hordoffii cimaan akka taasiifamu humni Waloo hundaa’e kun beeksiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.