Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa kutaalee biyyatti garagaraatti kabajamaa jira

Finfinnee, Amajjii 10, 2012 (FBC) – Ayyaanni Cuuphaa guyyaa har’aa hordooftoota amantaa kiristaanaan kutaalee biyyatti garagaraatti sirna ho’aan kabajamaa jira

Ayyaanichi naannoo Amaaraa magaala Gondaaritti hordooftoota amantichaa dabalee dawwaattoota biyyoota garagaraa dhufan bakka argamanitti sirna ho’aan kabajamaa jira.

Preezdaanti FDRI Saahilawarq Zawdee, Preezdaanti Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Tamasgan Xuruneeh Itti aanaa kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, Giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachaw fi hoggantoonni hojii federaalaa fi naannoollee biroon magaalaa Gondaritti ayyanicha hirmaacha jiru.

Naannoo Oromiyaatti haala adda ta’een ayyaanni Cuuphaa bifa amantaa eeggatteen kabajamaa jira.

Naannoo Tigraayittis magaalaa Maqalee dabalatee magaaloota garagaraatti kabajamaa jira. Keessumaatti magaalaa Maaycootti sirna ho’aan kabajamaa jira.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.