Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa nagaan xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa ibse

Finfinnee, Amajjii 11, 2015 (FBC)- Sadarkaa biyyaalessaattii Ayyaanni Cuuphaa Finfinnee dabalatee naannolee biyyattii hundaatti nagaan kabajamee xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa ibse.

Ityoophiyaan hambaalee kiliyyaa UNESCO’tti galmeessiftee keessaa Ayyaanni Cuuphaa nagaan kabajamee kan xumurame yoo ta’u, hojii nageenya kabachiisuu qindoominaan hojjetameen rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan xumuramuu humnichi waloo beeksiseera.

Milkaa’ina kanaaf tumsa gama maraa kan taasisan, lammilee, abbootii amantaa, qindeessitootaa ayyaanichaa, hordoftootaa amantichaa fi dargaggoota galateeffateera.

Akkasumas qaamoleen nageenyaa nageenya ummataa dursuun ummata waliin qindaa’uun ergamaa biyyaalessaa isaanitti kennamee ga’umsaan waan bahataniif galateeffateera.

Akkasuma guyyaa boruu taabonni galuus rakkoo nageenyaa malee galee akka nagaan xumuramu tumsi ummataa cimee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.