Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Injifannoo Adwaa 125ffaa magaalaa Asoosaatti kabajame

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Ayyaanni Injifannoo Adwaa 125ffaa magaalaa Asoosaatti qophii garagaraan kabajameera.
Wayita kabaja ayyaanichaa hoggaanaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii naannichaa aadde Miskiyaa Abdallaa injifannoon Adwaa injifannoo Ityoophiyaanonni amantaa,afaan koorniyaa fi yaadaan otuu wal hin qodiin galmeessanidha jedhan.
Kantiibaan magaalaa Asoosaa obbo Umar Mahaammad gama isaaniin, injifannoon Adwaa Ityoophiyaanonni rakkinaa harkaa laachuu fi abdii kutachuu otuu hin taane, rakkina injifachuun ragaa addunyaatti agarsiisanidha.
Haaluma walfakkaatuun, ayyaanni injifannoo Adwaa 125ffaa magaalaa Dirree Dawaattis kabajameera.
Kabaja ayyaanaa kanarratti Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti, Hogganaan Biiroo Daldalaa, Indaastiriifi Invastimanti Magaalichaa obbo Kadiir Juuhaar, dhaloonni ammaa tokkummaa fi gamtaa injifannoo Adwaa irraa barachuun Ityoophiyaa gara olaantummaa ishee duritti deebisuu qabani jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.