Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Irreechaa ayyaana jibba jalaalatti, walqooduu tokkummaatti jijjiiru ayyaana araaraati – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana Ummanni Oromoo bacaqii gannaarraa Booqaa birratti nagaan ba’uu isaa jiidhaa qabatee uumaa itti galateeffatuudha jedha.

Ayyaana jiidhinsaa fi abdiin miidhagee kabajamu ayyaana Irreechaatti kan osoo walhin argin ture itti wal arguun uumaa isaanii tokkummaan galateeffatan ta’uu ergaa isaaniin eeraniiru.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana jibba jalaalatti, walqooduu tokkummaatti jijjiiru ayyaana araaraa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Somaalee Duudhaan miidhagaan Ummata Oromoo kun kan hunda akka ta’u cimee ni hojjeta jedhan.

Ayyaanichi ayyaana nageenyaa, jaalalaa, tokkummaa fi obbolummaa ummata Itiyoophiyaa maraaf akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.