Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanoonni Daamaraa fi Irreechaa karaa nagaan akka kabajamu dargaggoonni qooda isaanii ba’uu qabu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Ayyaanoonni Daamaraa fi Irreechaa karaa duudhaa amantaa fi aadaa eegeen akka kabajamu dargaggoonni qooda isaanii ba’uu qabu jedhameera.

Ayyaanoota ummataa fi amantaa mallattoo ‘Walummaa, obbolummaa fi jaalala ta’an waliin haa kabajnu‘ mata duree jedhuun mariin dargaggoota kuma 5 ol hirmaachise magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Ayyaanoonni kunneen rakkoo nageenyaa tokko malee karaa duudhaa amantaa fi aadaa eegeen akka kabajamu ga’ee isaanii ba’uuf qophii ta’uu dargaggoonni waltajicharratti hirmaatan eeraniiru.

Ayyaanoota dirreerratti kabajaman kanneen jeequuf humnoon badii ajandaa diigumsaa adda addaa qabatanii seenuun badii raawwachuu waan danda’aniif dargaggoonni qindoominaan nageenya magaalichaa kabachiisuurratti abbummaan hojjechuuf waliigaluu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.