Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanoota Faasikaa fi Iid Aalfaxiriif Zayitiin nyaataa liitirri miliyoonni 2 ol gatii madaallawwaan hawaasaaf ni raabsama jedhame

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Ayyaanoota Faasikaa fi Iid Aalfaxiriif Zayitiin nyaataa liitirri miliyoonni 2 ol gatii madaallawwaan hawaasaaf raabsamuuf qophaa’uu Ejansiin Waldaalee Hojii Gamtaa magaalaa Finfinnee beeksiise.

Ayyaanoot Hiikaa fi Iid Aalfaxiir torbee dhufan kabajamaniif hawaasaaf meeshaaleen bu’uuraa fi oomishaaleen bu’aa Horii ga’aan gatii madaallawaan dhiyaachaa jiraachuu Daayreektarri olaanaan Ejansii Waldaalee Hojii Gamtaa magaalaa Finfinnee obbo Sisaay Araggaan ibsaniiru.

Baatii Eebilaa keessa kan gale Xaafiin kuntaalli kumni 63, Daakuun kuntaalli kumni 30 fi Qamadiin kuntaallii kumni 1 fi 800 gatii madaallawwaan hawaasaatti gurguramaa jiraachuu dubbataniiru.

Zayitiin nyaataa Liitirri miiliyoonni 2.3 gama waldaalee shamattoota hawaasaaf raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan dhiyeessiin Daakuu daabboo fi Sukkaaraa ga’aan jiraachuu himaniiru.

Kana dura baatii tokkotti maatii tokkoof kiiloo giraamni 5 qofti gurguramaa kan ture, yeroo ammaa haala fedhii isaaniin akka bitatan kallattiin kaa’amuu obbo Sisaay dubbataniiru.

Waldaaleen Shamattootaa magaalichatti argaman Sambata dabalatee yeroo hojii idilee alas tajaajila akka laatan murtaa’uu ibsamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.