Fana: At a Speed of Life!

Baaleetti manneen barnootaa 83 barattoota simachuuf qophiidha jedhame

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) –Godina Baaleetti pirojektiiwwan barnootaa Bu’uura Boruu 80 fi Ifa Boruu sadii Birrii miiliyoona 320 oliin ijaarsise xumuramuun barattootaa simachuuf qophii ta’uu Waajjirri Barnootaa godinichaa beeksise.

Jilli Daarektara Olaanaa Dhaabbata Miti-Mootummaa “Imagine One Day” Itoophiyaa Dooktar Sa’iid Amaaniin durfamu manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Aanaa Gooroo fi Gaasaraa daawwateera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Baalee Obbo Naasir Ahimad, gama barnootaan sochii dhaabbanni miti-mootummaa “Imagine One Day” godinichatti taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu himaniiru.

Godinichatti manneen barnootaa Bu’uura Boruu fi Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa ijaaramaan bara barnootaa 2015tti barattootaa simachuuf qophii ta’uu himaniiru.

Manneen barnootaa kunneen barattoota kuma 76 ol simachuu danda’u jedhaniiru.

Daayrektarri Ol’aanaan Dhaabbata “Imagine One Day” Itoophiyaa Dooktar Sa’iid Amaan akka jedhanitti, dhaabbatichi barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf deeggarsa meeshaalee barnootaa fi ijaarsa manneen barnootaarratti xiyyeeffannoo hojjechaa jira.

Dhaabbanni “Imagine One Day” erga hundeeffamee naannoolee biyyattii 3tti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 90 Birrii biiliyoona 1 oliin kan ijaarsisee fi manneen barnootaa 970’f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisuu himuu isaanii ragaan kan Waajjira Kominikeeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.

Dhaabbatichi godinichaatti manneen barnootaa 9 Birrii miiliyoona 100 oliin ijaarsisuun himameera.

Godinaalee Oromiyaa 5 keessatti deeggarsa namoomaa fi misooma damee barnootaa hojjechaa jiraachuun eerameera

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.