Fana: At a Speed of Life!

Baalli Sammuu Adoochu Kiiloo Giraamni 780 to’atame

Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) – Baalli Sammuu Adoochu Kaanaabis jedhamu Kiiloo Giraamni 780 Buufata Gumrukaa Caaccuutti to’atamuu Komishiniin Gumrukaa Ityoophiyaa beeksiise.

Baalli kun Birrii miiliyoona 3 olitti kan tilmaamamu ta’uu ibsameera.

Finfinnee fe’amee giddugala biyyaan gara Keeniyaatti wayita ce’uuf jedhu to’atamuu Damee Gumrukaa Hawaasaatti Itti aanaa hojii gaggeessan Seeraf Bitamuu obbo Iddeessaa Lammaa ibsaniiru.

Damichi bara baajataa xumurame Baala Sammuu Adoochu Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 84 tti tilmaamamu to’achuu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.