Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota 40f deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.7 ni raggaasisaan eegama

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Boordiin hoji raawwachiistuu Baankii Addunyaa torbee itti aanu keessa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.7 ni raggaasisaan eegama.

Deeggarsi marsaa jalqabaa kun Ityoophiyaa fi Afgaanistaan dabalatee biyyoota 40tti vaayrasii koroonaa ittisuuf oola jedhameera.

Proojaktiin kun qaama baajata deeggarsa yeroo ariifachiisaa; fayyaa fi diinagdee biyyootaa utubuuf torbee darbe ragga’e Doolaara biiliyoona 14ti.

Kunis dhiibbaa vaayrasichi fayyaa fi diinagdee biyyootaarratti qaqqabsiisuu malu qolachuuf oola jedhameera.

Proojaktiin deeggarsa yeroo ariifachiisaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.7 kun biyyoota 40tti weeraricha ittisuu fi dhiibbaa diinagdee mudachuu malu dandamachiisuu oola.

Baankichaan ala dhaabbileen dhuunfaa tumsa maallaqaa addunyaa Doolaara biiliyoona 1.5 gadhiisuuf qophaa’aa jiru jedhan preezdaantiin Baankii Addunyaa Deeviid Maalpaas.

Maallaqni kunis biyyoota 24tti vaayrasicha ittisuuf oola.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.