Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa Ityoophiyaatti godaantotaa fi kutaalee hawaasaa naannawaa godaantotaa Keessummeessan jiraataniif deeggarsa Doolaara miiliyoona 180 raggaasise

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Boordiin Daayrektarootaa Baankiin Addunyaa Ityoophiyaatti godaantotaa fi kutaalee hawaasaa naannawaa godaantotaa jiraataniif deeggarsaa Doolaaraa miiliyoona 180 raggaasise.

Deeggarsichi xiyyeffaannaan godaantotaa Ityoophiyaa jiraatanii fi hawaasaa naannawaa godaantonni qubatan jiraataniif fooyyessa tajaajilootaa bu’uuraa hawaasummaa fi dinagdeef gargaara jedhameera.

Kana malees, caraa jireenyaa isaanii ittiin fooyyeffatan bal’isuun haala mijataa naannawaa jireenyaa uumuuf kan tumsuudha jedhame.

Deeggarsichi namoota miiliyona 2.5 fayyadamtoota akka taasisu kan eerame yoo ta’u, kan keessaa harka tokko sadaffaan godaantota ta’uu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Pirojektiin Gaanfaa Afriikaatti godaantotaaf deeggarsa taasisu bara Faranjootaa 2016 eegalee Jibuutii, Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Ugaandaa keessatti namootaa miiliyoona shaniif deeggarsaa taasisuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.